Baankiin Awaash aanaalee Gujii Lixaa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC) – Baankiin Awaash hawaasa aanaalee godina Gujii Lixaatti hongeen miidhamaniif deeggarsa Boqolloo kuntaala Kuma 2 taasise.

Baankichi hawaasa godinichaa hongeen miidhaman dandamachiisuuf Boqqolloo Kuntaala Kuma 2 Birrii miiliyoona 5 fi Kuma 300n bitee dhiyeessuu hojii gaggessaa Baankii Awaash damee Bulee Horaa obbo Daani’eel Miskinnaa ibsaniiru.

Ittaanaan bulchaa godinichaa obbo Waaree Gadaan deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Roobni baranaa yeroo isaa eeggatee roobaa waan hinjirreef, qaamoleen garaagaraa deeggarsa akka taasisan gaafachuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment