Baankiin Addunyaa tumsa Ityoophiyaa waliin qabu kan itti fufu ta’uu ibse

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015 (FBC)- Baankiin Addunyaa tumsaa fi michummaa Ityoophiyaa waliin qabuu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise.

Baankichi hariiroo Ityoophiyaa waliin qabu ilaalchisee ibsa laateera.

Baankichi ibsa isaan, Ityoophiyatti sababa walitti bu’iinsa fi hongee umameen lammiileen miiliyoonan lakkaa’aman midhamuu fi biyyaattiin dhiibbaa hawaasummaa fi dinagdee keessa galuu ibseera.

Haaluma kanaan, Ityoophiyaan rakkoo uumame dandamachuu akka dandessuuf Gareen baankichaa Ityoophiyaatti argaman tumsaa fi michummaa Ityoophiyaa fi baankicha gidduu ture kan itti fufsisaan ta’uu ibseera.

Baankichi waggoottan kurnan darban deeggarsa nama irratti xiyyeeffatan gaggeessaa tureen bu’aaleen galma’uu eeruun, ammas baankichi deeggarsa namoomaa taasisaa jiraachuun ibsameera.

Haala yeroo biyyattii hordofaa jiraachuu kan ibse baankichi, ijaarsa nageenyaa biyyatti, araaraa fi nageenyaa itti fufiinsaa qabuu mirkaneessuuf hojiilee eegalaman deeggaruuf murannoo qabachuun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment