Finfinnee, Sadaasa 13, 2017 (FBC) – Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan, Itiyoophiyaatti Daayrektara Baankii Addunyaa Miiriiyaam Saaliim waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota tumsaan hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Baankiin Addunyaa Itiyoophiyaatti damee Fayyaaf tumsa taasisu caalmaatti akka cimsu Dooktar Maqdas gaafataniiru.
Miiriiyaam Saaliim gama isaaniin, hojiilee Ministeerri Fayyaa dhimmoota fayyaa daa’immanii fi Haadholiirratti hojjechaa jiru dinqisiifataniiru.
Itiyoophiyaa biyya damee fayyaan Afrikaa Bahaatti fakkeenya taate waliin hojjechuuf murannoo qabaachuu himuu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa