Baankiin Addunyaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa Doolaara biiliyoona 12 kennuuf waadaa gale

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) – Baankiin Addunyaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf Doolaara Ameerikaa biliiyoona 12 deeggarsa taasisuuf waadaa galeera.

Baankichi gargaarsa kan taasisu biyyoota addunyaa sababa vaayrasichaatif diinagdeen isaanii miidhame akka foyya’uufi jedhameera.

Weerarri vaayrasichaa diinagdee biyyoota hedduu rakkoo keessa akka galchus akekeera.

Preezdaantiin Baankii Addunyaa Deeviid Maalpas,gargaarsi kun biyyoonni vaayrasichaaf saaxilaman tamsa’ina isaa ittisuu fi tajaajila fayyaa kennamuus ciminaan akka hojjetaniifi jedhaniiru.

Gargaarsichi jalqabarratti biyyoota hiyyummaa keessa jiranii fi vaayrasichaaf saaxilamuuf warreen sadarkaa oolaanaarra jiraniif ni kennama jedhaniiru.

Vaayrasichi biyyoota 70 keesssatti tamsa’uun isaas ni yaadatama.

Haga ammaattis sadarkaa idil addunyaatti namoonni kumni 92 ta’an vaayrasichaaf kan saaxilaman yoo ta’u, kanneen keessaa lammiileen kuma 80 ta’an Chaayinaa keessattidha.

Namoonni kumni 3 ol ta’an vaayrasichaan du’aniiru.

Maddi:-BBC

Comments (0)
Add Comment