Baankiin Addunyaa naannoo Somaaleef deeggarsa Doolaara miiliyoona 64.3 taasise

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC)- Baankiin Addunyaa Naannoo Somaaleetti, hongee mudateef deebii ariifachiisaa kennuuf kan gargaaru deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 64.3 taasisuu Preezdaantiin Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mohaammad beeksisan.

Deeggarsa ramadame keessaa Doolaarri miiliyoonni 38 amma kan kennamu ta’uu obbo Musxafeen himuusaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarra argame ni muul’isa

Baankiin Addunyaa yeroo murteessaa kanatti deeggarsa taasiseef galateeffataniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment