Baankiin addunyaa mootummaa Ityoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan kan hojjetu ta’uu mirkaneesse

Finfinnee Hagayya 27, 2012 (FBC) – Baankiin addunyaa mootummaa Ityoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan kan hojjetu ta’uu mirkaneesse.
 
Baankichi ibsa har’a waaree booda baaseen fooyya’iinsa diinagdee mootummaan Ityoophiyaa gaggeessaa jiruuf deeggarsa Faayinaasii taasisuu kan itti fufu ta’uu beeksiseera.
 
Hojiilee misoomaa Ityoophiyaan raawwattuuf bara Faranjootaa baatii Adooleessa 2020 hanaga Waxabajjii 2023tti waliigala deeggarsi Faayinaansii taasiifamu Doolaara Ameerkaa biiliyoona 2.9 kan ga’u ta’uu eerera.
 
Deeggarsa baajaatichaa dabalatee proojaktoota deeggarsi Faayinaasii godhamuuf boordii hojii raawwachiiftu baankichaaf dhiyaachuun dhimmi raggaasisuu adeemsa idilee hordofuun kan raawwatamu ta’uu ibseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment