Baankiin Addunyaa lammiilee Ityoophiyaaf deeggarsa doolaara miiliyoona 300 raggaasise

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC) – Baankiin Addunyaa lammiilee Ityoophiyaa sababa walitti bu’iinsaan miidhamaan deebisee ijaaruuf proojektii qophaa’eef kan oolu deeggarsa doolaara Ameerikaa miiliyoona 300 raggaasiseera.

Dhaabbanni deeggarsa misooma idil kun Ityoophiyaatti walitti bu’iinsa uumameen naannolee miidhaman deebisanii dhaabuu fi bu’uraalee misoomaa barbada’aan deebisanii ijaaruuf deeggarsicha taasisuu ibsa Faanaa Broodkaastiing Korpooreetiif ergeen himeera.

Keessattu deeggarsichi dhiyeessi tajaajila bu’uraa fooyyeessuu fi bu’uraalee misoomaa jijjiirrama qabeenya qilleensa dandamatu ijaaruuf kan oolu ta’uu baankichi ibseera.

Kutaalee hawaasa sababa walitti bu’iinsaan miidhamaaniif dursa kan laatu ta’uu himeera.

Haaluma kanaan naannolee Oromiyaa, Affaar, Amaaraa, Beenishaanguul Gumuuzii fi Tigraayiin fayyadamoo kan taasisuu ta’u ibsichaan beeksiseera.

Deeggarsichi bu’a qabeessaa fi deebii ariifachiisaa akka laatuu yaadamuun gama dhaabbilee deeggartoota, mootummaa Federaalaa, Mootummoota naannolee  iddoowwan kanneen keessaa socho’anii kan dhiyaatu ta’u ibsameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment