Baankiin Addunyaa Ityoophiyaatti hojii dameewwan teeknooloojii fi innooveeshinii eegalaman deeggaruu cimsee akka itti fufu beeksise

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC)- Hooggantoonni Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ityoophiyaatti jila daayreektara Baankii Addunyaa Oosmaan Diyoon waliin mari’ataniiru.
Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay Baankiin Addunyaa Ityoophiyaatti dameewwan garaagaraa keessaayu hojii faawuundeeshinii dijitaalaa fi waajjira Ministeerichaan kan hojjetamaan proojektoota biroo deeggaruuf fedhiin muul’dhise dinqisifataniiru.
Ministir deettaan Ministeericha Dooktar Ahimdiin Muhaammad jilichaaf sagantaa dijiitaalaa 2025 Ityoophiyaan dameewwan garagaraan hojimata dijjitaalaa diriirsuu hojii hojjeetameerratti ibsa laataniiru.
Sagantichaa gara hojiitti galchuuf qaamolee adda addaa waliin dhimmoota deeggarsaa fi tumsaa barbaachisaan irratti Ministeerichi qindoominaan hojjechuuf hojii adda baasuuf qophii xumuruu ibsaniiru.
Daayreektarri Baankii Addunyaa Oosmaan Diyoon gama isaaniiti, baankiin addunyaa Ityoophiyaatti deeggarsa taasisuu cimsee akka itti fufuu ibsaniiru.
Baankichi qonna, tuurizimii, geejjiba magaalaa akkasumaas dameewwan biroo teeknooloojii fi dijiitalaan ammayyeessuuf Ityoophiyaatti tattaaffii taasifamuuf mootummaa cina akka dhaabbatan waada galaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment