Baankiin Addunyaa Ityoophiyaadhaf Doolaara miiliyoona 500 raggaasise

Finfinnee, Bitootessa 12, 2012 (FBC) – Baankiin Addunyaa Ityoophiyaadhaf Doolaara Ameerikaa miiliyoona 500 raggaasise.

Boordiin daayreektaroota Baankii Addunyaa Ityoophiyaadhaf deeggarsaa fi liqaa Doolaara miiliyoona 500 raggaasiseera.

Kana keessaa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 50 deeggarsa yammuu ta’u, Doolaarri miiliyoonni dhibi 2 fi miiliyoonni 50 ammoo liqaadha.

Maallaqichi riifoormii diinagdee biyya keessaa utubuuf kan ooludha.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment