Baankiin Addunyaa Ityoophiyaa waliin hojiilee walta’iinsaa cimsee akka itti fufu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015 (FBC) – Baankiin Addunyaa mootummaa Ityoophiyaa waliin hojiilee walta’iinsaa eegale cimsee akka itti fufu beeksise.

Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa Bakka bu’ootaa Baankii Addunyaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Ityoophiyaatti eegumsa naannawaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu fi ittisuu irratti hojiilee hojjetamaanirratti mari’ataniiru.

Akkasumas, sirna qabiinsaa ragaalee herregaa biyyaalessaa fi gahee qabeenyi umamaa guddina oomisha biyyaarratti qabu ilaalchisee, qabiinsa ragaalee fi ragaalee sirnan fayyadamuu ilaalchisee mari’achuu isaanii ragaan Ministeeraa Pilaanii fi Misoomaarraa argame ni mul’isa.

Deeggarsa Baankiin Addunyaa taasisu mootummaan Ityoophiyaa karoora waggoota 10 keessatti dameewwan xiyyeeffannaan dursa kennameef irratti xiyyeeffachuu akka qabu ministirittiin dubbataniiru.

Baankiin Addunyaa, dameewwan garaagaraan mootummaa Ityoophyaa waliin walta’iinsaa fi deeggarsa eegale cimsee kan itti fufu ta’uu fi dameewwan biyyattiin dursa kenniteef irraatti deeggarsa taasisu akka cimsuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment