Baankiin Addunyaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Muddee 2, 2012 (FBC) – Baankiin Addunyaa ijaarsa dandeettii fi leenjiif, Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50 Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaaf deeggarsaan laate.

Deeggarsi kun laabraatoorii baayooseeftii sadarkaa eeggate 3 fi meeshaalee barbaachisan guutuuf kan gargaaru akka ta’e ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Amiir Amaan himaniiru.

Naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaa keessatti laabraatoorii baayoo seeftii sadarkaa 2ffaa 15 meeshaalee guutuu waliin ijaaruuf kan gargaaru akka ta’es Dooktar Amiir Amaan himaniiru.

Naannolee fi bulchiinsota magaalaarra laaboraatoorota jiran 8f meeshaa guutuuf oola.

Bulchiinsa ittisa balaa fayyaa hawaasaa biyyoolessaa cimsuu fi sirna qabiinsa ragaalee biyyoolessaa, naannolee fi bulchiinsota magaalaa fooyyessuuf oola.

Dabalataan giddugala qoricha ittisa ilbiisotaa cimsuu fi ogeeyyii ga’oomsuuf kan oolu ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Amiir Amaan ibsaniiru

Comments (0)
Add Comment