Baankiin Addunyaa galmoota Misoomaa Itiyoophiyaa deeggaruuf murannoo qabaachuu ibse

Finfinnee, Guraandhala 11, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee fi Bulchaan Baankii biyyaalessaa Mihiratuu Maammoon Itti Aanaa Pireezidaantii Baankii Addunyaa Viiktooriyaa Kuwaakuuwaa waliin mari’ataniiru.

Obbo Ahimad Shiideen, Adeemsa fooyya’iisa Diinagdee gooroo, deebisanii ijaaruu fi hidhattoota duraanii deebisanii dhaabuu ilaalchisee tattaaffii taasiifamaa jiru ibsa taasisaniiru.

Baankiin Addunyaa galmoota Misoomaa Itiyoophiyaa deeggaruuf murannoo qabaachuu Itti Aanaan Pireezidaantii Baankii Addunyaa Viiktooriyaa Kuwaakuuwaan ibsaniiru.

Dabalataan karoora fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa haala deeggaruun danda’amurratti mari’achuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment