Baankiin Addunyaa fayyadama Qabeenya Bishaaniif deeggarsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu ibse

Finfinnee, Bitootessa 26, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaan Baankii Addunyaatti daayrektara damee Bishaanii Saarooji Kumaar fi jila isaaniin durfamu waliin mari’ataniiru.

Haala itti fayyadamaa fi bulchiinsa bishaanii ilaalchisee mari’achuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Baankichi hanga ammatti Ityoophiyaaf deeggarsa Birrii biiliyoona 1.3 taasisuu eerameera.

Kanaanis lammiileen Ityoophiyaa miiliyoona 10 ta’an dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu marichaan ka’eera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment