Baankiin Addunyaa deeggarsa misooma Indaastirii paarkii Ityoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibse

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Baankiin Addunyaa deeggarsa bu’aa qabeessummaa misooma Indaastirii paarkii Ityoophiyaaf taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksiseera.
Hojii raawwachiisaa olaanaan Koorporeeshinii Misooma Indaastirii Paarkii Ityoophiyaa Saandookaan Dabbabaan jila daayreektera baankii addunyaa biyyoota Baha Afrikaa Miisteer Oosmaanee Dii’ooniin durfamu simachuun marii taasiisaniiru.
Deeggarsa baankiin addunyaa misooma hunda galeessa Ityoophiyaaf baroota dheeraaf taasisaa jiru mootummaan galata olaanaa qabaachuu obbo Saandookaan ibsaniiru.
Deeggarsi kun misooma Indaastirii Paarkiinis cimee itti fufu akka qabu gaafataniiru.
Marii gaggeessaniin hanqina dhiyeessii misooma Indaastirii paarkii keessatti muul’atu, rakkoo mana jireenyaa hojjetootaa, ijaarsa qulqulleessa balfaa fi dhimoota biroo kaasuun mari’ataniiru.
Adeemsa rakkoolee kanneen furuuf taasiifamu keessatti dhaabbanni isaanii ga’ee isaa kan ba’u ta’uu Miisteera Oosmaanee Dii’oon ibsaniiru.
Yeroo ammaatti paarkoota Koorporeeshinichaan misoomaa jiran keessaa Paarkiin Indaastirii Boolee Lammii 2, fi Faarmaasiiyuutiikaaliin Qilinxoo deeggarsa Baankii Addunyaarraa argameen kan misoomaan ta’uu ragaan Koorporeeshinii Misooma Indaastirii Paarkii Ityoophiyaa irraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment