Baankiin Addunyaa deeggarsa damee barnootaa Ityoophiyaaf taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneesse

Finfinnee, Adooleessa 20, 2013 (FBC) – Baankiin Addunyaa deeggarsa damee barnootaa olaanoo Teeknikaa fi ogummaa Ityoophiyaaf taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneesseera.
Jilii Ministira Ministeera Saayinsaa fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaattoon durfamu Ityoophiyaa, Eertiriyaa, Sudaanii fi Sudaan Kibbaatti Daayreektara Olaanaa Baankii Addunyaa Miistar Usmaan Diiyoon waliin mari’ataeera.
Dooktar Saamu’eel Urqaattoon Baankiin Addunyaa deeggarsa Proojektii giddugala ce’umsa beekkumsaa Baha Afrikaa fi walitti hidhamiinsaa naannichaaf taasiisaa jiruuf galateeffataniiru.
Dooktar Saamu’eel Proojektoonni kunneen saffisaa fi qulqullinaan akka xumuraman deeggarsa barbaachisu kan taasiisan ta’uu fi Baankiin Addunyaa deeggarsa taasiisuu cimsee akka itti fufu amantaa qaban ibsaniiru.
Ityoophiyaa, Eertiriyaa, Sudaanii fi Sudaan Kibbaatti Daayreektarri Olaanaa Baankii Addunyaa Miistar Usmaan Diiyoon gama isaaniin Proojektoonni dhaabbatichi Saayinsaa fi Dhaabbilee Barnootaa olaanootti gaggeessaa jiru haala karooraan raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Baankiin Addunyaa deeggarsa damichaan taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessuu isaanii ragaan Ministeera Saayinsaa fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoorraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment