Baankiin Addunyaa damee qonnaaf kan oolu Ityoophiyaa dabalatee biyyoota 6f deeggarsa doolaraa Ameerikaa miiliyoona 60 taasise

Finfinnee, Muddee 2, 2013 (FBC)-Boordiin daayreektaroota Baankii Addunyaa jijiirramni qabeenya qilleensaa damee qonnaa irratti sodaa ta’a jiru deeggaruu fi cimsuuf Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 6f deeggarsa doolaraa Ameerikaa miiliyoona 60 taasiseera.
 
Deeggarsichi yaa’ii jijjiirrama qabeenya qilleensaa bara Faranjootaa 2019 gaggeeffameen waada galee milkeessuuf akka ta’e ibseera.
Yaa’ichaan tumsi idil addunyaa kan irratti muul’atee fi dhaabbileen idil addunyaa qorannoo wabii nyaata irratti akka gaggeessan kan xiyyeeffatedha.
 
Naannolee baadiyyaa qonnaarratti hundaa’an deeggaruuf qorannoo qonnaa waliin wal qabatu gaggeessuuf kan xiyyeeffatee akka ture beeksiseera.
 
Baankiin Addunyaa wabii nyaata mirkanneessuf akkasumaas qonnicha deeggaruuf kalaqaa garagaraa fi saayinsii fayyadamuu kan jajjabeessuu yoo ta’u, kana dura sodaa jijjiirrama qabeenya qilleensaa rakkoo wabii nyaata muudatu hambisuuf waliigaltee hedduurra ga’u ibseera.
 
Kanaafis Baankichi Ityoophiyaa dabalatee Seenegaal, Gaanaa, Maalii, Keeniyaa fi Zaambiyaaf deeggarsa taasisu ibseera.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
 
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment