Baankiin Addunyaa bulchiinsa taaksii Itiyoophiyaa ammayyeessuuf deeggarsa akka taasisu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC)- Baankiin Addunyaa bulchiinsa taaksii Itiyoophiyaa ammayyeessuuf deeggarsa akka taasisu beeksiseera.

Qondaaltonni olaanoo Ministeera Galiiwwanii fi Baankii Addunyaa pirojektii hojiirraa oolmaa hammattoo “Bulchiinsa taaksii Itiyoophiyaa ammayyeessuun tajaajila bu’aa qabeessaa baasii qusataa kennuu” irrattii mari’ataniiru.

Pirojektichi qindoomina galiin taaksii Itiyoophiyaa fi oomishi waliigalaa biyya keessaa qabu guddisuuf kan tumsuu ta’uu eeramuu ragaan Ministeera Galiiwwanii irraa argame ni mul’isa.

Imaammata taaksii Itiyoophiyaa bu’uureffachuun yaadota riifoormii maddisiisuun, saffisaa, ammayyaa’aa fi sirbaa bulchiinsa taaksii qaqqabamaa ijaaruuf tattaaffii taasifamuun teeknooloojii saffisiisuu akkasumas sadarkaa tajaajiloota kaffaltoota gibiraaf kennaman faayyessuuf kan dabalatu ta’uun eerameera.

Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalam Niguseen maricharratti haasawaa taasisaniin, pirojektichi walitti qabdoota taaksii sadarkaan jiran irratti haala walfakkaatuun hojiirra ooluu akka qabu ibsaniiru.

Kaayyoowwan pirojektichaa karoora waggootaa 10 fi karoora misoomaa fi invastimantii bara giddugaleessaa (2016-2018) waliin walsimsiisuun akka barbaachisu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment