Baankiin Addunyaa bulchiinsa magaalaa Finfinneef konkolaattoota 17 arjoome

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC) – Baankiin Addunyaa Konkolaattoota hojii misoomaa Geejjibaa fi nagaanyaaf tajaajilan 17 bulchiinsa magaalaa Finfinneef laachuu ibsameera.
Baankiichi magaalaa Finfinneetti tajaajila geejjibaa fi nageenyaa daandii mirkaneessuuf Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 2 ramadee hojjeechaa jiraachuu beeksiseera.
Qaama Proojektichaa kan ta’e konkolaattoota hojii nageennyaa fi nageenya daandii fooyyeessuuf tajaajilan Paatrooliiwwan 17 magaalichaaf arjoomuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment