Baankiin Addunyaa biyyoota guddinarra jiraaniif talaallii vaayrasii koroonaaf kan oolu Doolaara biil.12 deeggarsa taasisuufi

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC) –Baankiin Addunyaa biyyoota guddinarra jiraaniif talaallii vaayrasii koroonaaf kan oolu Doolaara biiliyoona 12 deeggarsa taasisuuf murtoo boordii baankichaa eega jira.

Baankiin Addunyaa biyyoota guddinarra jiraaniif talaallii vaayrasii koroonaa oomishuu fi raabsuuf  kan oolu Doolaara biiliyoona 12 deeggarsa taasisuuf murtoo boordii baankichaa eega jiraachuu preezdaantiin baankichaa Daaviid Maalpaas himaniiru.

Baankichi biyyoota guddinarra jiraan vaayrasichi itti babbal’achaa jiru taalalicha waliin geesisuuf rakkina dandeettii qabu guutuuf kaayyoo akka qabu ibsaniiru.

Kayyoon isaanii biyyoota galii gadi aanaa fi giduugaleessa qaban kallattii weeraricha jijjirrudha jedhaniiru.

Booordiin baankichaa baatii Onkolooleessa dhufu keessa dhimmicharratti murtoo tokko akka dabarsuun eegama jedhaniiru.

Maddi: Rowutarsi

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

Comments (0)
Add Comment