Baankichi tajaajilaa dhalaarraa bilisaan bu’aa Birrii biiliyoona 1 ol argachu beeksise

Finfinnee, Mudde 13, 2015(FBC)- Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa tajaajilaa dhalaarraa bilisaa qofarraa bu’aa Birrii biiliyoona 1 olii argachu beeksise.

Baankichi bara farnjootaa 2021/22tti tajaajilichaarraa bu’aa Birrii biiliyoona 1 ol argachuun baankii jalqabaa ta’uu eereera.

Maallaqni olkaawwannaa dhalarraa bilisaa baankichi walitti qabes Birrii biiliyoona 17.12 yoo ta’u, kan bara darbee irraa dhibbentaa 49 caalmaa qabaachuu ibseera.

Akkasumas, hojiiwwan daldalaa Shari’aa bu’uureffataniif tajaajila faayinaansii dhiyeessuun adda duree ta’uu ibsuu ragaan Baankicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment