Amajjii 1, 2015(FBC)- Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa tajaajila baankii dhala irraa bilisaa “Koopbank Alhuda” irratti waltajjii hubannoo cimsuu fi marii gaggeessaa jira.
Baankichi tajaajila dhala irraa bilisaa cimsuun hawaasa fayyadamoo taasisuuf abbootii amantaaa, maamiltootaa fi qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti marii gaggeessaa jira.
Ittaanaan Preezidaantii kutaa Tajaajila baankii dhala irraa bilisaa baankichaa obbo Godaanaa Qaabatoo haasawaa taasisaniin, baankichi maamiloota miliyoona 10 horachuu eeruun, kanneen keessaa miliyoonni 2.6 ol tajaajilamtoota dhala irraa bilisaa ta’uu ibsaniiru.
Baankichi hanga ammaatti Birrii biliyoona 18.8 maamiltoota isaarraa walitti qabuu ibsuun, maallaqa kuufamaa walitti qabame keessaa Birrii biiliyoona 16.9 ol deebisee maamiloota isaatiif faayinaansii gochuun baankota dhuunfaa biyyattii kessa adda duree ta’uu ibsaniiru.
Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.