Baankichi oomishtoota Warqee jajjabeessuuf gatii gabaa Warqee addunyaarratti %35 dabaluun bituuf murteessuu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Baankiin Biyyaalessaa Ityoophiyaa oomishtoota Warqee jajjabeessuuf gatii gabaa Warqee addunyaarratti %35 dabaluun bituuf murteessuu beeksise.

Daayrektarri Bulchiinsa Sharafaa Baankichaa Obbo Abbabaa Sanbatee dhimmichaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, Baankiin Biyyaalessaa, oomishtoota warqee jajjabeessuu fi daldala kontiroobaandii to’achuuf Bitootessa bara 2012 eegalee, akkataa baay’ina isaatti gatii Warqee gabaa addunyaarratti %10 hanga %29 dabaluun bitaa akka ture beeksisnaiiru.

Haaluma kanaan waggoottaan lamaan darban dhiyeessiin Warqee olaanaan argamuu eeraniiru.

Haa ta’u malee, yeroo dhiyoo as hangi Warqee gara Baankii Biyyaalessa dhufuu hir’achuurraan oomishtoota jajjabeessuuf jecha, dhiyeesitoota Warqee hundaaf walqixa %35 dabaluun bittaan Warqee akka gaggeeffamu eeraniiru.

Maddi:- TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment