Baankichi maamiltoota tajaajila baankii dhalarraa bilisaa ta’aniif Birrii biiliyoona 11 ol liqeessuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2014 (FBC) – Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bara kana maamiltoota tajaajila baankii dhalarraa bilisaa ta’aniif Birrii biiliyoona 11 ol liqeessuu ibsame.

Baankichi maamiltoota irraa bara kana qarshii biiliyoona 13.6 walitti qabuu fi biiliyoona 11 ol maamiltoota kuma 1 fi 500 oliif liqii kennuu himameera.

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa maamiltoota baankii dhalarraa bilisaa fayyadaman waliin magaalaa Haramaayaatti mari’ateera.

Baankichi  fedhii hawaasa musliimaa guutuuf waggaa 7 dura tajaajila baankii dhalarraa bilisaa eegaluu fi  hanga ammaatti maamiltoota miiliyoona 2.2 horachuu Ittaanaan Preezdaantii Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Damee Dhalarraaa Bilisaa Obbo Godaanaa Qaabataa ibsaniiru.

Maamiltoota baankii dhalarraa bilisaa horachuun baankii daldala Ityoophiyaatti aanee sadarkaa 2ffaarratti kan argamu ta’uu fi  Baankota dhuunfaa keessaa ammoo sadarkaa 1ffaarratti kan argamuu ta’uu eeraniiru.

Baankichi imala isaa keessatti aantummaa hawaasaa karaa qixa ta’een itti fufsiisuun cinatti diinagdee biyyaaf utubaa ta’ee kan itti fufu ta’uu Obbo Godaanaan ibsaniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment