Baankichi maamiltoonni waliindhooftootarraa akka of qusatan akeekkachiise

Finfinnee, Hagayya 23, 2014 (FBC) – Baankiin Daldala Ityoophiyaa maamiltoonni waliindhooftootarraa akka of qusatan akeekkachiiseera.
Sagantaalee badhaasaa sababeeffachuun yakkoota hannaa fi waliindhahuu raawwatamurraa maamiltoonni of eeggachuu akka qaban Pireezidaantiin baankichaa Obbo Abbee Saannoon hubachiisaniiru.
Bilbila bilbiluun maamilaaf badhaasni akka ba’eef fakkeessuun yakki hannaa fi waliindhahuu raawwatamu babal’achaa jiraachuu Pireezidaantichi ibsaniiru.
Baankiin Daldalaa gara maamilaatti bilbiluus maamilli qaamaan akka argamuu fi sanada akka dhiyeessu gaafata malee maallaqa galchaa hin jedhu jedhan.
Maamiltoonni tajaajila Moobaayil baankingiin walqabatee baankii bilbiluun wayita ragaa gaafataman bilbilaan ragaa kamiiyyuu akka hin laanne hubachiisaniiru.
Maamiltoonni damee baankichaa dhiyeenyatti argamu deemuun yookaa bilbila bilisaa 951 irratti bilbiluun sirrummaa ragichaa mirkaneeffachuu akka qaban dhaamaniiru.
Baankiin Daldala Ityoophiyaa tajaajila laatu kamiifiyyuu kaffaltiin bilbilaan gaafatu kan hin jiraanne ta’uu Obbo Abbeen yaadachiisuu ragaan fuula baankichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment