Baankichi lammiilee balaaf saaxilaamoof deeggarsa Doolara miiliyoona 745 ifoomse

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC)- Baankiin Addunyaa lammiilee balaaf saaxilaamoo fayyadamtoota taasisuuf deeggarsa Doolara miiliyoona 745 ifoomse.

Boordiin Daayrektarootaa baankichaa deeggarsa tajaajilaa fayyaa sadarkaa jalqabaa fi pirojektoota bulchiinsa lolaaf oolu raggaasiseera.

Deeggarsichi damee fayyaan kenniinsa tajaajilaa jiru fooyyessuu fi sirna bulchiinsa lolaa qindaa’aa diriirsuuf kan oolu ta’uun ibsameera.

Kana malees, rakkoolee jijjiirama qabeenya qilleensaan walqabatanii mudatan dandamachiisuu fi yeroo balaan mudatu fi balaa lolaa to’achuuf kan tumsu ta’uun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment