Baankichi kaffaltii gatii dadhabbii namoota daddabarsa maallaqa seeraan alaa eeraniif kaffalurratti ibsa laate

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Baankiin Biyyaalessaa kaffaltii gatii dadhabbii namoota daddabarsa maallaqa seeraan alaa eeraniif kaffalurratti ibsa laateera.

Baankichi tibba darbe namoota qaamolee daddabarsa maallaqaa seeraan alaa irratti bobba’an eeruu kennaniif gatii dadhabbii kan kaffalu ta’uu ibsuun isaa ni yaadatama.

Bankichi qaamolee dhimmoota seeraan alaa 4 irratti bobba’an hawaasni yoo arge eeruu baankichaaf akka taasisuufi kaffaltii gatii dadhabbii kan taasisu ta’uu yaadachiiseera.

Haaluma kanaan:-

1, Qaamolee/Namoota maallaqa biyya alaas ta’ee biyya keessaa hanga eeyyamameen ol kuusanii argaman

2, warreen maallaqa sobaa maxxansiisanii

3, warreen warqee seeraan ala kuusanii argamaniifi

4, karaa seeraan alaa warreen daddabarsa maallaqaa irratti bobba’an irratti hawaasni eeruu akka laatuufi gatii dadhabbii kan kaffalu ta’uu baankichi ibsa isaan yaadachiiseera.

Nomoota warreen maallaqa hanga eeyyamameen ol qabatanii argaman warreen eeraniif %15 maallaqichaa, warreen daddabarsa maallaqa biyya alaa eeraniif %15 maallaqichaa akkasumas kanneen hawaalaa seeraan alaa eeraniif Birrii kuma 25 kan kaffalu ta’uu baankichi eereera.

Namoonni dhuunfaa guyyaatti Birrii kuma dhibba 1 ol, dhaabbileen ammoo guyyaatti Birrii kuma dhibba 2 ol of harkatti qabachuun dhiorkaa ta’uu ibsameera.

Namoota dhuunfaas ta’e dhaabbilee qajeelfama kanarra darban kan eeruuf bifa icitiin isaa eegameen gatiin dadhabbii kan kaffalamuuf ta’uu baankichi eereera.

Namoota dhuunfaas ta’ee dhaabbilee yakkicharratti hirmaatan yakka diinagdee cimaan hanga hidhaa waggaa 15 kan adabaman ta’uu yaadachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment