Finfinnee, Caamsaa 5, 2016 (FBC) – Baankiin Misooma Itiyoophiyaa baatiwwan saglan darban Indaastirii oomishaaf liqii Birrii biiliyoona 30 kennuu beeksiseera.
Baatiwwan saglan darban Birrii biiliyoonni 44 liqaa Indaastiirii Oomishaaf ragga’uu eeruun, Birrii biiliyoonni 30 Indaastirii Oomishaaf kennamuu ibseera.
Agarsiisa Itiyoophiyaan haa oomishtuu cinaatti mariin paanaalii gaggeeffameera.
Pireezidaantiin Baankii Misooma Itiyoophiya Dooktar Yohaannis Ayyaalew ,baankiichi damewwaan mootummaan xiyyeeffannoo kenneefirratti hojjecha jiraachuu dubbataniiru.
Baankiichi waggaa waggaan bu’aa hanga Birrii biiliyoona 6.3 argachaa jiraachuu Dooktar Yohaannis eeraaniiru.
Kaappitaalli baankicha Birrii biiliyoona 38 qaqqabuu fi piroojektii tokkoof hanga Birrii biiliyoona 9tti liqqeessuu akka danda’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan baatiwwan saglan darban Indastiriiwwan oomishaaf Birrii biiliyoona 44 liqeessuuf raggasee Birrii biiliyoona 30 liqeessuu ibsamuu TOI gabaaseera.