Baankichi hidhichaaf Birri biiliyoona 149.8 dhiyeessuu beeksise

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC) – Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaaf dhiyeessii faayinaansii Birrii biiliyoona 149.8 dhiyeessuu beeksiseera.

Sagantaan jalqabsiisa sosochii ummataa fi galii walitti qabuu Hidhaa Guddichaa Haaromsaa Ityoophiyaa gaggeeffameera.

Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Ityoophiyaa Obbo Abbee Saanoo, baankichi galii waliitti qabuun pirojektoota misooma biyyaaf murteessoof oolchuurratti kan argamu ta’uu ibsaniiru.

Bara faranjootaa hanga Adoolessa 31, 2022tti hojiilee anniisaa maddisiisuun walqabatee dhiyeessii faayinaanisii Birrii biiliyoonni 149.8 hidhichaaf ooluu ibsaniiru.

Obbo Abbeen akka jedhanitti, pirojektichi hanga xumuramutti galii walitti qabuurraa eegalee gahee isaa bahachuuf kutannoon kan hojjetan ta’uu ibsuun, qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundiis waloon akka hojjetanii fi Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaaf kallattii maraan deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Pirojektii Hidhaa Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa Injiinar Kifilee Horroo waltajjicharratt ijaarsi hidhichaa %87.3’rraa akka jiruu eeruun, kan hafe waggootaa lama keessatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hanga ammaattis adeemsa ijaarsa hidhichaaf Birrii biiliyoonni 175 ol baasii ta’uu dubbatanii, ijaarsi hidhichaa hafes Birrii biiliyoonaa 55 hanga 66 barbaachisa jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment