Baankichi Eejansii Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa waliin waliigaltee hojii mallatteesse

Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC) – Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa Eejansii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa waliin waliigaltee hojii mallatteesseera.

Akkaataa qonnaan bulaan bittaa galtee oomisha qonnaa ittiin raawwatu CBE Birr hojiirra oolchuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Ityoophiyaa Obbo Abbee Saannoo fi Daayrekteerri Eejansii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaan waliigalticha mallatteessaniiru.

Sirna waliigaltee mallatteessuu kanarratti Hogganaa Biiroo Faayinaansii Oromiyaa Obbo Tolasaa Gaddafaa fi itti gaafatamaa Waajjira pireezidaantii mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Mogos Ida’ee dabalatee hoggantoonni Baankii Daldalaa Ityoophiyaa argamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment