Baankichi Birrii miiliyoona 1.5 ol baankidhaan ala sochoosuu dhoorke

Finfinnee, Hagayya 12, 2012 (FBC) – Baankiin Biyyoolessaa Ityoophiyaa Birrii miiliyoona 1.5 ol baankidhaan ala sochoosunis ta’e olkaa’un hin danda’amu jedhe.
 
Hogganaan baankichaa Dooktar Yinnaagar Daseen akka beeksisanitti, hanga Birrii miiliyoona 1.5 manattis ta’e bakka biraatti qabachuun yookin olkaa’un ni danda’ama.
 
Sanaa ol taanan garuu akka nama adabsiisu beeksisaniiru.
 
Baankichi kana kan beeksise qajeelfamoota haaraa ba’an afurirratti ibsa yoo laatu.
 
Qajeelfamni haaraan kun ammoo maallaqni biyyattii diinagdee keessatti akka socho’u taasisa jedhan Dooktar Yinnaagar.
 
Sanaan alas sochii seeran alaa ittisuu dandeessisaan beeksisan.
 
Maallaqni biyyattiin sharafa alaa baastee maxxansiistu akkaataa hin malleen hojiirra oolun, maallaqni akka baduu fi baasii dabalataatif akka ishee saaxilu taasiseera jedhan.
 
Qajeelfamni haaraan kun ammoo maallaqni seeran akka qabamu gargaara.
 
Baankichi qajeelfamoota Birrii miiliyoonni 1.5 ol baankiin ala akka hin sochoone dhoorku, dhaabbanni kamuu ATM fi gabaa diijjiitaalaa akka fayyadamu taasisu, baankonni alaa liqeeffachuu akka danda’an gargaaru, dhababileen maaykiroo faaynaansii gara baankiitti akka guddatan taasisu baasera.
 
Kaasaayee Waldeetu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment