Baankichi bara kana liqaa Birrii biiliyoona 19 dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC) – Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa bara kana liqaa Birrii biiliyoona 19 dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
Baankichi Kalaqaawwaan haaraa ta’aan diinagdeen deeggaruun abbootiin kalaqaa gara invastimantiitti akka galan taasisuuf qophii taasiisuu Preezdaantiin Baankii Misooma Itiyoophiyaa Dooktar Yohaannis Ayyaalew ibsaniiru.
Moodeela Biiznasii fi fedhii Invastimantii biyyittiin barbaadduus qopheessuu eeraniiru.
Dooktar Yohaannis, Baankiin Misooma Ityoophiyaa kanaan dura liqaa adda addaa dhiheessaa turuu eeruun, ammas baankichi dhiheessii faayinaansii haaraa jalqabuuf qophaa’eera jedhan.
Hojii kana keessummessuuf kutaan barbaachisu qofaatti hundaa’uu himaniiru.
Haaluma kanaan kanneen kalaqaa haaraa isaaniitiin ragaa abbaa qabeenyummaa qaban maallaqaan deeggaruuf baankichi qophaa’uu himaniiru.
Maddi:-TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment