Baankichi Baatii 1 keessatti daddabarsa maallaqaa Birrii biiliyoona 828 raawwachuu beeksiise

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2017 (FBC) – Baankiin Daldala Itiyoophiyaa jijjiirraa bara haaraa as filannoowwan kaffaltii Diijitaalaan daddabarsa maallaqaa Birrii biiliyoona 828 olii raawwachuu beeksiiseera.

Hagayya 30, 2016 hanga Fullbaana 26, 2017tti filannoowwan kaffaltii Diijitaalaan sirna gabaa miiliyoona 145 gaggeessuun daddabarsa Birrii Biiliyoona 828 olii raawwachuu ibseera.

Sirna gabaa kaffaltii Diijitalaan gaggeesse keessaa % 84 Moobaayil Baankiingiin kan raawwatame yookaa Birrii biiliyoona 696.5 ta’uu ragaan fuula baankichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment