Baangilaadish  walga’ii addaa Manni Maree Mirgoota Namoomaa DhMG Ityoophiyaarratti gaggeessu akka mormitu gaafatame

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Baangilaadish  walga’ii addaa manni maree mirgoota namoomaa DhMG Ityoophiyaarratti gaggeessu akka mormitu gaafatamuu ibsame.

Hindiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Tizzitaa Mulugeetaa Hindiitti Itti aanaa Komishinara olaanaa Baangilaadish Nuuraal Islaam waliin mari’ataniiru.

Marichaan walga’ii addaa manni maree mirgoota namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ityoophiyaarratti taasisuu fi bu’aa isaa mootummaan Baangilaadish akka mormu gaafataniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa miidhaa mirga namoomaa kaaba biyyaattiitti uumame ilaalchisee bu’uura yaada marii  DhMG fi Komishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaan waliigalee gara hojiitti seenus manni maree mirgoota namoomaa DhMG dhugaa kana cinaatti dhiisuun yaadni Ityoophiyaarratti kaase Ityoophiyaan amantaa dhaabbaticharraa qabdu akka hir’atu taasisuu ibsaniiru.

Baangilaadish miseensa mana marichaa waan taateef dhimmicha xiyyeeffannoon akka hordoftuu fi yaadni kenname siyaasaan kan deeggarame ta’uu hubannoo keessa galchuun murtoo mana marichaa haala hambisuun danda’amurratti akka hojjetamu gaafataniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf yaalii taasisuu fi miidhaa garee shororkeessaan ABUT naannolee Amaaraa fi Afaaritti qaqabsiisee ilaalchisee ibsa laataniiru.

Hindiitti Itti aanaan Komishinara olaanaa Baangilaadish Nuuraal Islaam haala yeroo Ityoophiyaarratti ibsa laatameefiif galateeffachuun yaalii mootummaan Ityoophiyaa miidhaa mirga namoomaa qulqulleeffachuu fi deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf taasise dinqisiifachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment