Baalli sammuu namaa hadoochuu daangaa Sudaan irraan akka seenneef to’annaa taasifamaa jiraachuu Poolisiin Federaalaa ibse

Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)- Baalli sammuu namaa hadoochuu daangaa Sudaan irraan akka seenneef to’annaa taasifamaa jiraachuu Poolisiin Federaalaa ibseera.

Poolisiin Federaalaa raayyaa ittisa biyyaa fi miseensoota qaamolee nageenyaa waliin ta’uun daangaa Sudaaniin gareen shororkeessaa ABUT akka meeshaa guddaatti kan itti fayyadamuu baalli sammuu namaa hadoochuu akka hin daddabareef daangaarratti to’annoo cimaa taasisaa jiraachuu ibsameera.

Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenya biroo waliin sochii garee shororkeessaa ABUT daangaa Sudaan Takazzerra ittisuuf deebii wal fakkataa laachuun ergamaa isaa ba’aachaa jiraachuu daayreektarri diiviizhinii poolisii federaalaa kabaa Komaandaar Ayyaalaw Alabbaachoon himaniiru.

Adda waraanaa Humaaraarratti kan bobba’ee poolisiin federaalaa qaamoleen nageenyaa waliin ta’uun garee shororkeessaa ABUT fi ergamtootaasaa daangaa Sudaaniirra gara biyyaa akka hin seenneef taasifamaa jiraachuu himaniiru.

ABUT Maayikadiraa, Humaaraa fi iddoowwan birootti haleellaa raawwachuun gara Sudaaniitti ce’uuf yaali taasisuu poolisii federaalaa fi qaamolee nageenyaa biroon yaalinsaa fashala’eera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment