Baalli sammuu namaa hadoochu Birrii miiliyoona dhibba 4 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) – Baalli sammuu namaa hadoochu (Hashiishiin) tilmaaman gatii Birrii miiliyoona dhibba 4 fi kuma dhibba 4 fi kuma 85 qabu to’atame

Baalli sammuu namaa hadoochu (Hashiishiin) tilmaaman gatii Birrii miiliyoona dhibba 4 fi kuma dhibba 4 fi kuma 85 qabu magalaa Shashamannee irraa fe’amee gara Keeniyaa imala otuu jiruu waajjira damee Gumurukaa Hawaasaa kutee darbuuf otuu jedhu to’atameera.

Waqtichatti konkolaachisaan sakatta’iinsaaf eeyyamamoo ta’uu dhabuurraan kan ka’e poolisiin federaalaa goommaa konkolaatichaa rasaasaan yoo rukutu, konkolaachisaan charkeedhaan miliquuf otuu yaaluu carraaqqii cimaan to’annoo jala oolera.

Hawaasni gochoota akka kanaa yoo argu eeruu akka laatu Ministeerri Galiiwwanii waamicha dhiyyeessera.

 

Comments (0)
Add Comment