Baalli Sammuu namaa adoochu Birrii miiliyoona 255tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC) – Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 39.9tti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksiise.

Onkololeessa 18 -24, 2015tti hordoffii taasifameen meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf ture Birrii miiliyoona 144.8tti tilmaamamu to’atamuu ibseera.

Akkasumas meeshaleen karaa seeraan alaa gara alaatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona 195.1tti tilmaamamu to’atamuu ibsmeera.

Waliigalaan meeshaaleen Birrii miiliyoona 339.9tti tilmaamamu dameewwan Gumrukaa garaagaraatti to’atamuu beeksiseera.

Baalli Sammuu namaa adoochu Kaanaabiis jedhamu Birrii miiliyoona 225tti tilmaamamu Damee Gumrukaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti wayita biyyaa ba’uu fi gara keessaa galuuf jedhu to’atamuu eerameera.

Dabalataan Uffataaleen, Boba’aan, Horiin dhaabbii, Meeshaaleen Elektirooniksii, Bunni, Qorichaaleen, Konkolaattoonni, Meeshaaleen faayaa, Waraanaa, Zayinni Nyaataa fi maallaqoonni biyyoota garaagaraa to’atamuu ragaan Komishinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment