Baaleetti tuuristoota godinicha daawwataniirraa galiin Birrii miiliyoona 78 ol argame

Finfinnee, Hagayya 28, 2015 (FBC)- Bara 2015’tti Godina Baaleetti turistoota biyya keessaa fi alaa godinicha daawwatanirraa galiin Birrii miiliyoona 78.5 ol argamuu Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii godinichaa beeksise.

Itti Gaafatamtuun Waajjirichaa Aadde Roobdaa Jaarsoo akka jedhanitti, bara 2015 keessa iddoolee hawwata tuuriizimii godinichaa babal’isuu fi addunyaaf beeksisuuf carraaqqii jabaan taasifameera.

Tuuristoota biyya keessaa fi alaa Paarkii biyyoolessaa Gaarreen Baalee, Bosona Harannaa, Gaarreen Saannatee,Tulluu Diimtuu fi iddoowwan hawwata tuuriizimii biroo godinichaa daawwataniin Birriin miiliyoona 78.5 ol argamuu dubbataniiru.

Bara 2016’tti turistoonni biyya keessaa fi alaa bakkeewwan hawwata tuuriizimii godinichaa daawwatan irraa Birrii miiliyoona 87 ol argamsiisuuf xiyyeeffannoo kan hojjetamu ta’uu akeekaniiru.

Bulchaa ittaanaa godina Baalee Obbo Abrahaam Haylee gamasaaniitiin godinichatti haala mijataa turistootaaf uumuun, yaa’iinsa tuuristootaa dabaluu, Ikkoo tuurizii mootummaan adda baafaman dabalatee iddoowwan hawwata turizimii biroo beeksisuu fi babal’isuun galii argamu guddisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu eeran.

Baaleetti Bosona Goomoo, Paarkii Hurufa Soommaa, Hora Furmee fi Holqa Mana Waaqaa iddoolee ikkoo tuuriizimii mootummaan adda baafaman ta’uun ragaan kominikeeshinii godinichaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment