Baaleetti omishaalee alergii misoomaa jirurraa callaa kuntaala miiliyoona 14 argachuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC)- Godina Baaleetti omishaalee alergii misoomaa jirurraa calla kuntaala miiliyoona 14 argachuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Baalee Obbo Aliyyii Mahammad akka ibsanitti, Aanaalee horsiisee bulaa godina Baaleetti inisheetiivii qonna gammoojjii babal’isuun omishaalee galii qonnaan bultootaa dabalanii fi alergiif oolanirratti xiyyeeffannoon hojjatamaa jira.

Omishaalee alergiif oolan kanneen akka Atooboonsituu, Saliixaa, Maashoo, Loowuzii fi kannen biroo lafa hektaara kuma 516 olirratti misoomaa jiraachuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan oomishaalee kanneenirraa callaan kuntaala miiliyoona 14 argachuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Inisheetiivii Qonna Gammoojjiin aanaalee godinichaa oomishaalee alergiirratti hojjechaa jiraan keessaa Aanaa Dalloo Mannaatti qonnaan bultoonni Saliixaa fi Maashoo kilaastaraan misoomsaa jiran bu’aa gaarii kan abdatan ta’uu dubbataniiru.

Dursaan Garee Eeggumsa Midhaanii fi Biqiltuu Waajjira Qonnaa Aanaa Dalloo Mannaa Obbo Mahaammadhuseen Amboo, aanichatti omisha midhaan nyaataa cinaatti, omishalee alergii babal’isuun jiruu fi jireenya horsiisee bultootaa fooyyessuuf hojjatamaa jiraachuu himuu ragaan Kominikeeshinii Godina Baaleerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment