Baalee Bahaa fi Harargee Bahaatti Pirojektoonni 516 ijaarsi isaanii xumurame eebbifamaa jiru

Finfinnee, Adoolessa 1, 2016 (FBC) – Godinaalee Baalee Bahaa fi Harargee Bahaatti Pirojektoonni 516 Birrii biiliyoona 5 oliin ijaaraman eebbifamaa jiru.

Godinaalee kanneenitti Pirojektoonni Fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan xumuramuun Tajaajilaaf banaa ta’aa jiraachuu ibsameera.

Godina Harargee Bahaatti bara kana pirojeektoonni misoomaa garaa garaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu danda’an 413 ol Birrii biiliyoona 3.3 oliin hojjetaman tajaajila uummataaf banaa ta’aniiru jedhame.

Akkasumas Godina Baalee Bahaatti pirojektoonni misoomaa gara garaa 103 baajata Birrii biiliyoona 1. 7’n hojjatamuun eebbifamaa jiraachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment