Baajatni dabalataa deeggarsa liqii Interpiraayiziiwwan oomishaaleef oolu Doolaarri miiliyoonni dhibbi 2 jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Baajatni dabalataa deeggarsa liqii Interpiraayiziiwwan oomishaaleef oolu Doolaarri miiliyoonni dhibbi 2 jiraachuu Proojektiin Maallaqa Interpiraayizii Xixiqqaa fi Giddugaleessaa beeksise.

Proojektichi kanaan dura maallaqa Liizii, maallaqa gaggeessaa hojii fi tajaajila misooma daldalaan  Interpiraayiziiwwan deeggaraa turuu qindeessaan proojekticha Yamanziwarq Giraafee ibsaniiru.

Proojektichi waggoota dabalataa sadiif hojiirra kan oolu baajata liqii Doolaara miiliyoona dhibba 2 argachuu himaniiru.

Deeggarsi liqii dabalataa Baankii misoomaa, Baankiiwwan daldalaa fi dhaabbilee maayikroo faayinaansiin kan waliin ga’amu ta’uu eeraniiru.

Bu’aa qabeessummaa interpiraayiziiwwan xixiqqaa fi giddugaleessaa guddisuuf mootummaan Maallaqaan, bu’uuraalee misoomaa fi dhiyeessii galteen, tajaajila ekisteenshinii Indaastiriin akkasumas walitti hidhamiinsa gabaa uumuun akka deeggaramaniif hojjechaa jiraachuu kaasuu isaanii agaan Misooma Interpiraayizii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment