Baajata bara 2013tti simintoon kuntaalli miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 20 biyya keessa akka galu ibsame

Finfinnee, Qaammee 2, 2012 (FBC)- Ityoophiyaatti hanqina simintoo furuuf kanneen biyya keessaatti oomishamaan dabalatee simintoon kuntaalli miiliyoonni dhibba 3 fi miiliyoonni 20 biyya alarraa bitamee biyya keessa akka galu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.

Ityoophiyaatti gatiin simintoo bara 2012 baatii Muddeerraa eegalee daballii olaanaa agarsiisera.

Rakkoo kana furuufis Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii tarkaanfii falaa hedduu fudhata tureera.

Ta’uus rakkicha hundeerraa furuuf kan dandeessisu qajeelfama haaraa qopheessuu daayreekatarri dhimmoota kominikeeshinii ministeericha obbo Wandimmuu Filaatee dubbataniiru.

Qajeelfamni qophaa’e warshaaleen simintoo dandeetti guutuun akka oomishanii fi damichaan oomishtoota fi fichisistoota hanga daldala qinxaaboo hojirratti bobbaa’an walitti hidhuun, rakkoon dhiyeessii fi rabsaa akka hin uumamneef ni deeggara jedhameera.

Kunis hojirra kan olee baatii Hagayyaa 25, 2012 irraa eegaluu obbo Wandimmuun dubbataniiru.

Akkaata qajeelfamichaan simintoo biyyaa keessaatti oomishamu dabalatee kara fichisiistota ulaagaa guutaniin simintoo kuntaalli miiliyoonni dhibba 3 fi miiliyoonni 20 gabaa biyya keessaaf akka dhiyaatu dubbataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment