Finfinnee, Bitootessa 4, 2016 (FBC) – Baajanni Paartii Diimokiraatawaa Itiyoophiyaa Tokkoof ramadame faayidaa dhuunfaaf oolu Boordiin Filannoo Biyyyaalessa Itiyoophiyaa beeksise.
Baajanni bara 2015 keessa paartichaaf ramadame kaayyoo barbaadameef ala ooluu boordich ibseera.
Paartiin Diimookiraatawaa ‘Aandi Itiyoophiyaa’ baajata deeggarsaan kennameef kaayyoon ala dhimma dhuunfaaf oolchuu Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa ibsa baaseen himeera.
Hoggantoonnii fi miseensonni paartichaa Maallaqa hedduu dhimma dhuunfaaf oolchuu bira gahamuu boordichi eerera.
Haaluma kanaan Paartichii fi hoggantoonni paartichaarratti dhorkamuun qorannoon barbaachisu akka eegalamuu fi maallaqni seeraan ala manca’e boordichaaf akka deebi’u murtoon darbuu ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.