Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen wixinee labsii bara 2014 ilaalchisee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf ibsa laataniiru.
Fooyya’iinsa diinagdee biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiraanii fi gaggeessuuf karoorfaman ilaalchisee gabaasa dhiyeessaniiru.
Baajata bara 2014 keessaa Birrii biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 62 baasii idileef, biiliyoonni dhibbi 1 biiliyoonni 83.5 baasii kaappitaalaaf, biiliyoonni 203.95 deeggarsa naannoleef, biiliyoonni 12 galmoota misooma itti fufaa raawwachiisuuf kan oolan ta’uu ibsaniiru.
Waliigala bara hojii 2014f baajanni walii gala Birrii biiliyoonni dhibbi 5 fi biiliyoonni 61.67 dhiyaachuu ibsaniiru.
Baajata bara 2014 keessaa Birrii biiliyoonni 162 baasii idileef, biiliyoonni 183.5 baasii kaappitaalaaf, biiliyoonni 203.95 deeggarsa naannoleef, biiliyoonni 12 galmoota misooma itti fufaa raawwachiisuuf kan oolan ta’uu ibsaniiru.
Waliigala bara hojii 2014f baajanni walii gala birrii biiliyoonni 561.67 dhiyaachuu ibsaniiru.
Birriin biiliyoonni 26.4 galii taaksiin alaa, liqii biyya keessaa fi liqii dhaabbilee deeggartootarraa argameen kan uwwifamu ta’uu obbo Ahimad Shiideen ibsaniiru.
Baajanni dhiyaate karoora waggaa 10 waliin walsimee kan dhiyaate ta’uu kaasaniiru.
Keessattuu dhiibbaa weerara vaayrasii koroonaan qaqqabe dandamachiisuuf yaaddamee kan dhiyaate ta’uu ibsaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.