Baajanni bara 2017 Naannoo Hararii Birrii Biiliyoona 5.2 ol ragga’e

Finfinnee, Adoolessa 21, 2016 (FBC)-Manni Maree Naannoo Hararii baajata naannochaa bara 2017 Birrii Biiliyoona 5.2 ol raggaasise.

Manni marichaa Yaa’ii Idilee 6ffaa bara hojii 3ffaa marsaa 6ffaa gaggeessaa jira.

Haaluma kanaan wixinee baajata naannichaa Birrii Biiliyoona 5 fi miiliyoona 203 ol raggaasiseera.

Hogganaan Biiroo Maallaqaa fi walta’iinsa Diinagdee Naannichaa Obbo Mahammad Yahyaa akka jedhanitti, baajata kana keessaa %56 baajata kaappitaalaa yoo tahu, % 42 immoo baajata idileef kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Baajata kana irra caalaa galii adda addaa naannichaa irraa walitti qabamuu fi deeggarsa mootummaa federaalaa irraa ramadamuun kan uwwifamu ta’uu ibsaniiru.

Baajatni kun kan bara darbee waliin yeroo walmadaachifamu % 22 caalamaa akka qabu ibsaniiru.

Manni marii naannichaas baajatni kun kaayyoo yaadameefiif akka oolu qajeelfama kenneera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment