Azaarbaajaan tumsa damee Qonnaan Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf  fedhii qabaachuu ibsite

Finfinnee, Amajjii 7, 2017 (FMC) –Itiyoophiyaa fi Azaarbaajaan tumsa damee Qonnaa fi Invastimantiin qaban caalmaatti guddisuuf mari’atan.

Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee fi  Komishinarri Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dooktar Zallaqaa Tamasgeen Jila Itti Aanaa Ministira Dhimma Alaa Azaarbaajaan Yaalchiini Raafiyeviin durfamu waliin mari’ataniiru.

Jillichi marii Dooktar Girmaa waliin taasiseen misooma Beeyladaa fi Midhaanii ,Kuduraa fi Muduraa, Bishaanii fi fayyadamaa lafaa, Qonnaa Diijitaalaan, hojirra oolmaa teeknooloojiin, daldalaa oomishaalee qonnaa fi dhimmoota biroorratti waloon hojjechuuf mari’ataniiru .

Akkasumas filannoowwan Invastimantii Itiyoophiyaan qabdurratti Komishinara Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dooktar Zallaqaa Tamasgeen waliin mari’ateera.

#Oromia #Ethiopia

 

 

.

 

Comments (0)
Add Comment