Ayyaanota Faasikaa fi Iid Alfaxir sababeeffachuun hawaasa harka qalleeyyii miiliyoona 2.1’f maaddiin qoodame – BDhHHO

Finfinnee, Eebla 6, 2015 (FBC) – Ayyaanota Faasikaa fi Iid Alfaxir sababeeffachuun kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii miiliyoona 2.1’f maaddiin qoodamuu Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi tola ooltoota, abbootii qabeenyaa, dhaabbilee deeggartootaa,warshaalee fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun lammiilee harka qalleeyyii, maanguddoota fi lammiilee sababoota uumama fi namtolcheen rakkoo garaagaraaf saaxilamaniif deeggarsa taasiisaa jiraachuu Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaatti Daayrektarri Babal’ina Eeggumsa Hawaasummaa Obbo Abdullaahii Ahimad Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Hawaasa gidduutti hariiroon hawaasummaa akka cimuuf kan qabu kan hin qabneef qooduun ayyaanota kanneen waliin akka kabajaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Ayyaanota lamaan kana sababeeffachuuf lammiileen miiliyoonni 1.5 sagantichaarra fayyadamoo akka ta’an karoorfamee hanga guyyaa kaleessatti kutaaleen hawaasaa garaagaraa miiliyoonni 2.1 fayyaddamuu ta’uu isaanii Obbo Abdullaahiin dubbataniiru.

Birrii biiliyoona 2 caalu walitti qabuun deeggarsa taasiisuuf karoorfamuu hanga ammaatti deeggarsi Birrii biiliyoona 2.8 hawaasa sarara hiyyummaa gadi jiraataniif taasiifamu Obbo Abdullaahiin eeraniiru.

Lammiilee kanneeniif Dookuun, Zayinni Nyaataa, Lukkuun, killee, uffataalee fi meeshaaleen biroo Birrii biiliyoona 2 .8 olitti tilmaamamu qoodamuu dubbataniiru.

Deeggarsichi hanga guyyaa Ayyaana Iid Afxiraatti kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Hawaasa kanneen waaraan dhaabuuf hojiin maaddii qooduu eegalame cimee akka itti fufuuf sadarkaa Oromiyaatti sosochiin addaa taasiifamaa jiraachuu eeraniiru.

Akka Oromiyaatti Manni Maree Afooshaalee hundaa’uun lammiilee kanneen waaraan dhaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Lammiileen biyyattii hundi wayita ayyaana kana kabajan hawaasa daandirra jiraataanii fi sababoota garaagaraan rakkoof saaxilamaniif waan qaban qooduun waliin akka kabajan waamicha dhiyeessaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment