Ayyaanonni nagaan akka xumuraman qaamoleen gumachaan galateeffataman

Finfinnee, Fulbaana 21, 2015 (FBC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee jiraattonni magaalattii jijjiiraa baraarraa eegalee ayyaanonni jiran nagaan kabajamanii akka xumuramaniif tumsa olaanaa taasisaniif galata dhiyeessaniiru.

Ayyaanota magaalattiitti ayyaaneffaman irratti ittigaafatamaa dacha bahachuun qaamolee farraa nageenyaa qaanessaniiru jedhan.

Ummata bal’aa fi amalaa gaarii kana irra deddeebinee galateeffannaa jechuun ibsan.

Erga jijjiiramaa as marsaa 4ffaaf kan kabajame irreecha Hora Finfinnee hawaasaa miliyoonatti lakkaa’amuun Oromiyaa fi naannolee biroo akkasumas biyyaa alaarraa kan hirmaatan ta’uu Kantiibaa Adaanech ibsa kennaniin himaniiru.

Ayyaanichi olola “Ityoophiyaanonni qoqqoodaman, walirraa faffagaatan” jedhu kan diigee fi sadarkaa tokkummaa fi walta’insa ummatootaa caalmaan cimsuu eeraniiru.

Qaamoleen nageenyaa keessumaa humni poolisiifi raayyaan ummaataa, gamaa seera kabachiisuun qindoominaan hojjechuun bu’aa qabeessa taasisuu kaasaniiru.

Kantiibaa Adaanecha, “Ayyaannii Irreechaa ammallee hinxumuramne; ummanii Irreecha Horaa Harsadee Bishooftuutti kabajuuf garas waan imaleef, deebi’ee Finfinnee waan buluuf, borus haala walfakkaatuun ummanni nagaan gara dhufetti hanga deebi’utti, hirmaannaan waltumsuurratti mul’ate ittifufuu qaba” jedhaniiru.

Dhaabbilee miidiyaa ilaalchisees, duudhaa fi ibsama ayyaanichaa addunyaatti waan beeksisaniif galateeffachuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argamee ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment