Ayyaanonni amantaa waltajjiiwwan calaqqee dhuudhaa amantaati-YDhAI

Finfinnee, Mudde 25, 2016 (FBC)- Ayyaanonni waggaa amantaa waltajjiiwwan calaqqee duudhaalee amantaa malee ergaawwan qabiyyee siyaasaa kan irratti dabarfaman miti jechuun Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa ibse.

Yaa’ichi ibsa baaseen amantaaleen bu’uura sirna amantaa fi duudhaalee hawaasaa waan ta’aniif, giddugalaa ijaarsa naamusaa ta’uun kan beekamaanidha jedheera.

Ajajaa fi barsiisa amantaatiin hariiroo hawaasummaa cimsuun nagaa, walkabaja, walooma, dhiifama, araara, haqaa fi duudhaalee gaggaarii biroo barsiisuun tajaajila baroota dheeraa lakkoofsisan kenna turuu fi kennaa jiraachuu yaadachiiseera.

Kun ammoo tokkummaa biyyaalessaa eegsisuun itti fufuu kan dandeessise ta’uu ibseera.

Kana malees, ergamnii fi tajaajiloonnni abbootii amantaalee, dhala namaa tajaajiluu fi hordoftoonni soda Uumaa isaanii qabaatanii duudhaa amantaatti akka guddatan taasisuu yoo ta’u, ofii isaanii dhimmoota biyya lafaarraa fageessuun jireenya hafuuraan fakkeenyaa ta’anii jiraachuu akka qaban barsiisni amantaa kan ajaju ta’uu beeksiseera.

Namoonni hariiroo hawaasummaan akka qajeelaan aangoo hafuuraa qabaanitti fayyadamuun barsiisuu, gorsuu fi ifachuun imaanaa itti gaafatama dura bu’ummaa abbummaa, eegdummaa bahataniiru; bahachaa jirus jedheera.

Keessumaa dhaabbilee mootummaas ta’e miti mootummaa keesaatti miidhaalee mul’atanii fi sarbamni jiru hundi akka sirratan tattaafachuu, kanneen balleessaan balleessaa isaaniirraa akka baratan jaalalaan ifachuun, adeemsa amantaa waan ta’eef cimee itti fufuu akka qabu hubachiiseera.

Haa ta’u malee, erga yeroo dhiyoo as abbootiin amantaa tokko tokko kaayyoo ergamaa bu’uuraa kanaan haala walfaallessuun waltajjiiwwan sirna amantaa fi miidiyaa hawaasummaa garaagaraan lallabootaa fi xiinxala walitti bu’iinsa uumaan, biyya diiganii fi qabiyyee siyaasaa heddumaataan wayita dubbatan kan mul’atu ta’uu ibseera.

Haasawaa fi lallaboonni kunneen siyaasaa fi hayyoota siyaasaa kan qeequ yookaan kan deeggaran ta’uu caalaa inni tokkoo isa tokko irratti akka ka’uu kakaasuu fi onnachiisuun kan mul’atan ta’uun, dhimmichi barsiisa amanataa kamiyyuu waliin kan walfaallessuu fi kan deeggarsa hinqabne ta’uun ammoo shaakalli lallabaa kun hamaa fi kan balaaleffatamuu ta’uu beeksiseera.

Lallabnii fi adeemsi akkanaas nagaa, walkabajaa fi duudhaalee waliin jireenyaa kan miidhaan ta’uun hatattamaan sirrachuu akka qabu eeruun, dhaabbileen amantaas abbootii, barsiisota yookaan lallabdoota lallabaa akkanaa taasisan akka sirratan taasisuun, itti gaafatama isaanii akka bahatan, duudhaan amantaa akka dagaagu akka taasisaan yaa’ichi hubachiiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment