Ayyaanonni addabaabaayitti kabajaman tuuristoota hawwachuu fi gumaacha diinagdee olaanaa qabu-Obbo Qajeelaa Mardaasaa

Finfinnee, Amajjii 11, 2016 (FBC)- Ayyaanonni addabaabaayitti kabajaman tuuristoota hawwachuu fi gumaacha diinagdee olaanaa qabu jedhan Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan.

Obbo Qajeelaan Ayyaanaa Cuuphaa Finfinnee Hurufa Boombiitti (Jaanmeedaa) kabajamaa jirurratti argamuun haasawaa taasisaniin, Itiyoophiyaan Ayyaana Cuuphaa malee ayyaanota addabaabaayii hedduu kan qabdu ta’uu eeruun qabeenya kanas eeguu fi itti fayyadamuun barbaachisadha jedhan.

Kanaanis nageenyaa fi tokkummaa biyyatti eeguu, akkasumaa hawwattummaa tuuristootaa dabaluu fi faayidaa diinagdee olaanaa akka qabu ibsan.

Ayyaanni Cuuphaa hawaasaa biratti bakka olaanaa kan qabuu fi hunduu hawwiin kan eegatu ta’uu kaasanii, sadarkaan utuu wal hinqoodiin hunduu miidhaginaan bahee kan kabaju ta’uu eeran.

Ayyaanichi jaalalaa fi waldeeggaruu akkasumas miirri gammachuu olaanaan kan irratti calaqqiiifamu ta’uun duudhaa kana kunuunsuu qabna jedhaniiru.

Duudhaalee gatiidhaan shallaguun hindanda’amne kanneen beekuun eeguu fi kunuunsuun murteessaa ta’uu ibsanii, qabeenyaalee akkanaa itti fufiinsaan dhalootatti akka darban mootummaan karooraan xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Damichaan dhaabbileen qorannoo fi qo’annoo taasisanii fi ummanni walta’uun kunuunsaa fi eegumsa qabeenyichaaf akka taasisan dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment