Ayyaanonni Addabaabaayii magaalaa keenyaaf miidhagina dabalataatti-Aadde Adaanech

Finfinnee, Fulbaana 29, 2017 (FBC)- Ayyaanonni Addabaabaayii magaalaa keenyaaf miidhagina dabalataa fi tuuristoota kan hawwataniidha jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Ayyaanonni Addabaabayii kunneenis midhaginaan kabajamanii akka xumuramaniif qaamolee gumaacha taasisan galateeffataniiru.

Jala bultii jijjiirraa bara haaraarraa eegalee magaalattiitti ayyaanonni kabajaman nagaan, tasgabbiin, haala hoo’aa fi karaa ummataa kabajeen akka kabajamaniif qaamolee nageenyaa, hoggantoota bulchiinsa magaalaa Finfinnee sadarkaan jiranii fi hawaasa magaalattii galateeffataniiru.

Ayyaanonni kunneen magaalattiif miidhagina dabalataa fi tuuristoota kan hawwatan ta’uu himuu ragaan Waajjira Kantiibaarraa aragme ni mul’isa.

Jiraattota magaalattii abbaa nageenya magaalattii taasisuun magaalaa nagaa qabeettii fi mijattuu taasisuuf hojiileen eeglaman cimanii kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.

Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’eel gama isaaniin, ayyaanonni haala hoo’aa ta’een kabajamanii akka xumuramaniif qaamoleen nageenyaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun hojiileen hojjetan bu’aa qabeessa ta’uu kaasaniiru.

Qindoominni jirus cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment